Raashiyaan Keellaalee Enerjii Yukireen Qilleensa Irraan Haleelte

  • VOA

Haleellaa magaala Kiyiiv keessatti Raashiyaan geggeesitebooda yeroo hojjattoonni abida dhaamsan, Kiyiiv, Yukireen, Onkoloolessa 17, 2022

Humnoonni Raashiyaa Kibxata darbe keellaalee enerjii dabalatee magaalota Yukireen hedduu irratti haleellaa qilleensaa kan raawwatan ta’uun beekamee jira.

Itti aanaa itti gaafatamaa waajjira pirezidaant Volodymyr Zelenskyy kan ta’an Kyrylo Tymoshenkoo akka jedhanitti, haleellaaleen sadii bakka dhiyeessii humna elektiriikaa Kiiv keessatti argamu rukuteera.

Kantiibaan magaalaa Kiiv Vitali Klits-chiikoo akka jedhanitti, kutaa kaabaa magaalaa guddoo biyyattii bakka dhaabbanni bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an rukutaman keessatti dhohinsi mudateera.

Haleellaan qilleensaa lama dhaabbata enerjii magaalaa Dnipro keessatti argamu irratti “miidhaa guddaa” geessiseera jedhan Tymoo-shenkoon.

Kantiibaan magaalaa Zhytomyr akka jedhanitti, haleellaan qilleensaa achitti raawwatameen magaalattiin tajaajila bishaanii fi elektirikii akka hin qabne taasiseera.

Zelenskyy akka jedhanitti Raashiyaan caasaalee enerjii irratti haleellaan raawwatte gocha shororkeessummaa ti ittiin jedhan.

Barreessaan olaanaa Tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guterres ''haleellaa misaa'elaa fi diroonii magaalota Yukireen irratti itti fufee jiruun hedduu rifataniiru jechuu dhaan dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Isteefen Jujaarik ibsanii haleellaan kun hatattamaan akka dhaabbatuu gaafataniiru.