Qormaati Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Marsaa Lammataa Har’a Jalqabe

  • VOA

FAAYILII - Barattota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoo Paarentis, Onkoloolessa 26, 2020

Qormaanni Biyyoolessaa Ityoophiyaa kutaa 12ffaa bara 2014 marsaa 2ffaa har'a eegale. Ministeerri Barnootaa yeroo jalqabaatiif qormaata kana mooraalee yuunivarsiitii keessatti kennaa jira. Dubbi himaan Ministeera Barnootaa, Amelework Izqiyeel VOAf akka himanitti, barattoonni 300,000 ol ta’an qormaata marsaa lammataa fudhachuuf yunivarsiitiiwwan guutuu biyyattii keessa jiran seenaniiru.

Barattoonni gara miliyoona tokkoo ta'an qormaata baranaaf ni taa'u jedhamee eegama. Barattoonni naannoo Amaaraa mooraa yunivarsiitii seenan kanneen 12,787 ta’an garuu qormaata marsaa jalqabaa utuu hin fudhatin dhiisanii ba’aniiru.