Dhimma Meeshaalee Alaa Galfamanii fi  Sharafa Alaa Itiyoophiyaa Irratti Xiinxala Geggeessame  

  • VOA

Dhuma torbee darbee mootummaan Itiyoophiyaa shaqaxoota muraasaaf sharafi biyya alaa akka hin dhiyaanne ajaja dabarsee jira.

Kanaanis, meeshaalee ‘Qananiif’ oolu jedhaman gosa 38 ol akka biyyatti hin seenne ajajee, tarkaanfiin kunis kuufama sharafa alaa biyyattii ol kaasuu akkasumas qaala’insa gatii tasgabbeessuuf tahuu ibsa barreeffamaan baaseen beeksisee jira.

Dhimma kana irratti ogeessota lama, Obbo Taakkelee Abdiisaa, Dhaabbaqa Qorannaa Imaammataa Mootummaa Itiyoophiyaatti qorataa ka tahanii fi obbo Lammii Urgii Yuuniversitii Jimmaatti itti gaafatamaa Muummee Qorannoo Diinagdee ykn Ikoonomiksii dubbisnee jirra.