Wal Waraansii Itiyoophiyaa Kaabaa Dhaabchuu Qaba: Antonii Bliinkan

  • VOA

FAAYILII - Mnistrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken

Ityoophiyaa gama kaabaa keessatti wal waraansii battalumatti akka dhaabbatu Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Blinken irra deebi’anii ibsanii iiru.

Kanas Marii pirezidaantii biyya tokkummaa Araboota Emeereetootaa Mohamed Bin Zayed waliin taasisaniin irratti ture. Bliinkan Twitarii ofii irratti har’a akka barreessanti, Deeggarsa Yukireeniif taasifamuu fi wal waraansii Itoophiyaa gama kaabaa keessaa hatattamaan dhaabbachuu dabalatee dhimmoota naannoo adda addaarratti pirezidaantii Mohaammad Bin Zaayid waliin marii gaarii taasifne jedhan.

Bliinkan Ibsa kaleessa baasaniin, namoota rakkatan hundaaf gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee akka dhaqqabu, lammiilee nagaa eeguuf tarkaanfiin akka fudhatamu akkasumas, humnootiin Eertiraa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa akka ba’an gochuuf, jiloota walgahii irra jiran waliigaluu akka qabanis gaafatan.

Hogganoonni gameeyyiin Addi bilisummaa uumata Tigraay wal waraansii akka dhaabtu, gargaarsii danqaa tokko malee akka seenu fi waraanni Ertraa Tigraay keessaa akka ba’an gaafatu

Gama biraatiin, Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa sochii gargaarsa namoomaa Tigraay keessatti gaggeeffamu to'achuun dirqama heera mootummaa irraa ta’u ibse.

Dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa, Laggasaa Tuliuu, Feesbuukii irratti akka maxxansanti, mootummaan Nageenya ummata Tigraay keessaa eeguu fi hojiin gargaarsa namoomaa achitti gaggeeffamu to’achuun dhimmi mariif dhiyaatu miti jechuu isaanii keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.