Wal-Waraansi Itiyoophiyaa Kaabaa Keessaa Maaliif Hawaasa Addunyaa Yaaddesse?  

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-Waraansi Itiyoophiyaa Kaabaa Keessaa Maaliif Hawaasa Addunyaa Yaaddesse?  

Walwaraansi Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti deemsisamee jiru hawaasa adduunyaa fi biyyoottan akka Yunaayitid Isteets yaaddoo cimaa keessa galchee jira. Lolichii akka atattamaan dhaabbatee gara marii nagaatti deebi’amu dhiibbaa gochaa jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa gama Isaatiin , “biyyoottan alaa dhimmaa biyyaa koo keessaa seenaa jiru, ” jechuudhan akka hiriirri mormii bahamu taasisaa jira. Gama biraatiin mootummaan Eeritiraa, daangaa Itiyoophiyaa keessa seenee humnoota ABUT loluu mormii hawaasa adduunyaa ijoo ka biraa ta’ee jira. Dhimmoottan kana irratti akka ibsaa nuuf kennan Bafqaaduun, hojjataa mootummoota gamtoomanii duraanii fi ogeessa seera idil-adduunyaa - obbo Baayisaa Waaqwayyaa Jeeneevaa irraa haasofsiisee jira.