Lakkoobsi Buqqaatotaa Itiyoophiyaa Keessaa Ka Bara Dabreerraa Gadi Hir’ate Jedhame  

Your browser doesn’t support HTML5

Jaarmayaa Gamtaa mootummootaatti Gumiin To’annoo Godaantotaa IOM Itiyoophiyaatti lakkoobsi buqqaatotaa biyya keessaa hir’ataa akka jiru ibsee jira. IOM, gabaasa jimaata darbe baaseen, Tigraay odoo hin dabalatiin lakkoobsi buqqaatotaa biyyattii gara miiliyoona 2.7tti gadi bu’uu hime.

Naannoo Oromiyaatti ammas rakkoon nageenyaa fi hongeen nama buqqisaa akka jiru Waajirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksisee jira.