Dhibeen Koleeraa Itiyoophiyaatti Mul’achaa Jiru Lubbuu Namaa Galaafachuu Dubbata Dhaabbati Gamtaa Mootummootaa  

Jaarmayaa Gamtaa Mootummootaatti dhaabbati Gargaarsa Namoomaa ‘OCHA’n dhibeen Koleeraa Itiyoophiyaatti mullataa jiruu lubbuu namoota sagalii galaafachuu beeksise.

Dhibeen kun keessumaa naannoo Oromiyaa godina Baaleetti yaaddessaa ta’uu himee, bakkawwan ollaa tahan ka naannoo Somaaleettis mullataa akka jiru, darbees Baale bahaatti cehuu akka malu akeekkachiise - OCHAn. Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Baalee dhibeen kun namoota torba ajjeesuu himee amma garuu aanaa tokko keessatti qofa akka hafee jiru dubbate.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhibeen Koleeraa Itiyoophiyaatti Mul’achaa Jiru Lubbuu Namaa Galaafachuu Dubbata Dhaabbati Gamtaa Mootummootaa