Waliigalteen Araaraa Dhiheenya Mallateeffame Itoophiyaa Keessatti Nagaa Waaraa Fiduuf Jiraa?

Your browser doesn’t support HTML5

Waliigalteen Araaraa Dhiheenya Mallateeffame Itoophiyaa Keessatti Nagaa Waaraa Fiduuf Jiraa?

Wal-waraansa mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigiraay edduutti oggoota lamaaf geggeessamee booda, garee lamaan eddutti waliigalteen araarraa Roobii, Sadaasa 2, 2022 Afrikaa Kibbaa, Pritooriyaa keessatti mallatteefaameera. Hawaasni biyyattii, xiinxaltoonni, akkasumas hawaasni addunyaa murtee kana akka jalqabii gaaritti laalanis tajjabdoonni hojiirraa olchuu keessatti yaadoo qaban ibsaa jiran.

Karaa biraatin gareewwan hidhatanii biyyattii keessatti sosso’an akka Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) faa marii araaraa irratti hirmaatan malee nageenyi waarawaan hin dhufu, qamoonni jedhanis hedduudha.

Kanarratti hawaasa Hawaasa Oromoo biyya alaa keessaa, Yunaaytid Isteets Kutaa Mishigantti ka argamu Albiyoon Koleeji irraa Qarqaaraa Profeeserii Dr.Milkeessaa Gammachuu, akkasumas Kutaa Minisootaa irraa Obboo Eda’oo Daawanoo dubbisne.