Lammiiwwan Afgaanistan Sagalee Kennan Haala Qabiinsa Mirga Namaa Biyya Isaaniitti Nama Furmaata Fiduuf Hojjetu Akka Filatan Dubbatu  

  • VOA

Lammiiwwan Afgaanistan Sagalee Kennan Haala Qabiinsa Mirga Namaa Biyya Isaaniitti Nama Furmaata Fiduuf Hojjetu Akka Filatan Dubbatu  

Lammiiwwan Afgaanistaan naannoo Kaaba Virjiiniyaa jiraatan filannoo ammaa kana irratti sagaleesaanii dhageessisuuf kutatoo ta’uu isaanii ibsan.

Sabaabaan isaa immoo imaammata alaa Yunaayitid Isteetis Afgaanistaan ilaalchisee qabdu dhimmi immigireeshinii isaaniif murteessaa ta’uu isaatiin akka ta’e dubbatu.

Lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afgaanistaan ta’an kun odu gabaastotaaf akka himanitti sagalee isaanii kennuu kan fedhan kaadhimamaa haala qabiinsa mirga namummaa Afgaan, jeequmsa namummaa Afgaan, rakkooo namoomaa sababaa Talibaaniin mudatee jiru hiikuuf kanneen tattaafatan jedhan.

Warra Afgaanistaaniif ilaalcha gaarii qabaniif kannen rakkoo keenya hiikaniif sagalee laanna jedhan Alahaa Aharaar kan jedhaman lammiin ameerikaa hidda dhalata Afgaan ta’an ibsa odu gabaastotaaf kennaniin.