Sirni Gaggeessaa fi Awwaalchaa Artist Alii Birraa Taasisame

Your browser doesn’t support HTML5

Sirni Gaggeessaa fi Awwaalchaa Artist Alii Birraa Taasisame

Dilbata darbe lubbuun isaa ka darbe weellisaa angafticha Alii Birraaf har’a Finfnneetti sirni gaggeesaa erga taasifameefii booda magaalaa dhalootaa isaa Dirre Dhawaatti ammoo sirni awwaalchaa isaa gaggeeffamee jira.

Sirna gaggeessaa reeffa Artiisti Alii Birraaf Finfinneetti gaggeeffamerratti angawootni mootummaa, firoottan, dinqisiifattoonni fi jaallawwan muuziqaa isa waliin dalagaa turan argamanii jiran. Keessumaa angawoonni mootummaa sirnicharratti haasawa taasisan Aliin nama muuziqaa Itiyoophiyaa duratti tarkaanfachiisedha jechaan dubbatanii jiran.