Buqqaatonni Biyya Keessaa Naannoo Amaaraa Keessatti Heddumaatanii Jiru

  • VOA

FAAYILII - Eddu-gala namoota wal-waraansaan qehee irraa buqahanii funura nama dhaabbatu, magaala dasee, Onkoloolessa 8, 2021

Walitti bu’insaa naannoo Oromiyaa godinaalee Wallagaa fi naannoo Beenshaangul Gumiz keessa jiruun kan ka’ee namoonni jireenyaa isaanii irraa buqqa’an magaala Finoote Salaamii fi magaalewwan biroo godinaa Goojjam lixaa keessa qobachaa jiraachuu isaanii mootummaan naannoo Amaaraa ibsee jira.

Dubbi-himaana bulchiinsa ittisa balaa naannoo Amaaraa obbo Iyaasuu Masfin , gargaarisi namoomaa buqqaatotaa kanaaf taasifamaa jiruu yaraa akka ta’e fi mootummaan naanichaa waan harkaa qabuun gargaaraa akka jiru sagalee Amerikaatti himuu isaanii Asteer Misgaanaawu gaabaasteetti. Namoottan qee’ee isaanii irraa buqqa’an gamaa isaaniitin jireenyii isaan amma keessaa jiraa heduu jabaa ta’uu isaa VOAti himanii jiru.

Dhimmaa nageenyaa wallaga keessaa jiruun akna ka’ee qe’ee ofii iraa buqqa’n akka itti fufee ji’a darbee kan ibsee daabbataa mootummootaa gamtoomaniitti qindeesii gargaasa namoomaa ykn OCHAn godinaalee Goojjam, Shawa kaabaa, kibba walloo, godinaa Waag Himiraa akkasumas magaalotaa Baahir Daar fi Dabree Birhaan keessa buqaatonni hedduun jiraachuu isaanii haanga’ootaa bulchiinsaa fi hojjattootaa gargaarsa namoomaa wabeffachuudhaan ibsuun isaa ni beekama.