Mariin Mootummaa fi Hidhattoota Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Yeroo Biraatti Dabarsame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Mariin Mootummaa fi Hidhattoota Rippaabilikii Dimookiraatawa Koongoo Yeroo Biraatti Dabarsame

Hawaasnii hoogganoota biyyoota Afrikaa bahaatiin mariin nageenyaa marsaa sadaffaa mootummaa Rippaabiliikii Koongoo fi riphxee-loltoota biyyattii gidduutti Naayiroobii keessatii taasifamuuf ture yeroo biraatti darbeera. Mariin garee biyyoottan torbaa waa’ee RDK dubbate kun marii ka biraa Burundii fi RDK giduutti Angoolaa keessatii taasifamaa jiruun cinatti ka taasifame.