Mana daldalaa Kutaa Varjiiniyaa Tokko Keessatti Dhukaasa Banameen Namoonni Ajjeefaman

  • VOA

FAAYILII - Mana daldalaa Waalmart, Feerifaax Kutaa Varjiiniyaa

Kibxata kaleessaa galgala mana daldalaa Waalmart jedhamu kan kutaa vayjiniyaa keessatti dhukaasa banamee namoota hedduu du’anii laan itti madaa’an polisiin qorachaa akka jiru ibsee jira.

Dubbi himaan poolisii oduu gabaastotaaf akka ibsanti, lakkoofsi namoota du'anii akka hin beekne garuu ammaaf kudhanii gad ta’u jedhan.

Kana malees, haleellaa kanaaf itti gaafatamaan nama tokko qofa jedhee polisiin akka amanuu, fi namni dhukaase sun du'uu isaa ibse.

Dhukaasa mana dhiichiisa halkanii kan namoota saala walfakkaataan jaaleellawwan walii ta’an Koloraado Springs, Koloraado keessatti raawwatameen namoota shan du’anii fi 18 madaa’anii guyyoota muraasa booda, haleellaan varjiniyaa kun raawwatame.