Oromiyaa fi Bulchiinsa Naannoo Somaalee Giddu Falmii Daangaa Jiru Furuuf Walii Galamee Jira

  • VOA

Kaartaa naannoo Oromiyaa fi naanno Somaalee, Itoophiyaa

Qondaaltonni fi maanguddoonni bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan naannoo Somaalee walitti bu’iinsa aanaalee wal falmisiisoo Guraa Damolee furuuf waliigalaniiru.

Anaan Zonii Liiban kan naannoo Somaalee fi godiina Baalee kan Oromiyaa waliin wal daangessitu ji’oota muraasa darban keessatti dhiiga dhangala’uu fi miidhaa qabeenya irra ga’eera.

RSA rakkoo kana ji'a 2 dura gabaasee ture. Diinummaan hawaasa lamaan gidduutti yeroo ammaa waliigalame akka dhaabbatu itti aanaa pireezidaantii naannolee lamaan ilaalameera.

Naannoleen lamaan yaaliin naannoo babal’isuuf godhamu kamuu dhaabuuf, akkasumas meeshaaleen waraanaa bakka wal falmisiisoo ta’anti qabachuu dhaabuuf waliigalaniiru” jechuun itti gaafatamaan biiroo kominikeeshinii naannoo Somaalee Abduqaadir Reshid RSAtti himaniiru . Oduu gabaasaan RSA Addis chekool dhimmi kana irratti Angawoota Oromiyaa haasa'uuf yaalaa akka jiru gabaasee jira.