Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhattoota “Shanee” Ittiin Jedhu Waliin Akka Marii Araaraa Taa’uu Hin Dandeenye Dubbate  

FAAYILII - Hoogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Mootummaa Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa

Mootummaan naannoo Oromiyaa humna “shanee” jedhee waamu ka Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhu waliin marii gaggeessuu akka hin dandeenye dubbate.

Obbo Hayiluu Addunyaa, hoogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Mootummaa Oromiyaa har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennan keessatti humni kun humna wal dhaga’ee gumaa’ee deemu waan hin taaneef mootummaan marii araaraa waliin ta’uu hin danda’u, jedhan.

Dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo idila addunyaa - Obbo Odaa Tarbii dubbiin kun olola jechuun deebii kennan.

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhattoota “Shanee” Ittiin Jedhu Waliin Akka Marii Araaraa Taa’uu Hin Dandeenye Dubbate