Tigraay Keessatti Tajaajilli Bilbilaa Deebi’ee Jalqabaa Jira 

  • VOA

Ethio Tele Com

Tigraay keessatti Waggoottan lamman darbaniif kan gar gar cite turee tajaajilli bilbilaa magaala Shiree fi naannoo ishee keessatti deebi’ee jalqabuu isaa dhaabanni telekomunikeshinii Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Dubbi himaan dhaabatichaa obbo Mesaay Wuubisheet VOA ti akka himannitti sochiin tajaajila bilbilaa magaalawwan Aksumi fi Aduuwaa keessatti deebisaanii jalqabsiisuu hariitidhaan taasifamaa jira.

Guutummaa Tigraay keessatti tajaajilaa gar gar citee ture deebisanii itti fufsiisuudhaaf hojiin raawwatamu baldhinaan akka itti fufee jiruu kan ibsaan dubii himaan dhaabbata telekonumikeshiinii Itiyoophiyaa reyoo hojichii raawwatee taajaajilli guutummatti jalqabamu irratti wantii jedhan akka hin jirre gabaasinii Gebreemikaa’el Gebremediihin ibseera .