Walga'ii hoggantoota mootummoota Afrikaa fi Yunaayitid Isteets irratti hirmaachaa kan jiran Muumichi ministiraa mootummaa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed cina walga’ichaatti haanga’ootaa mootummaa Yunaayitid Isteetis adda adda wajjiin marii taasisuu isaanii dubbi himaan minsiteera dhimmaa alaa Itiyoophiyaa ambaasader Meles alem oduu gabaastotatti himanii jiru.
Walga’ichii Itiyoophiyaan walti dhufeenyaa Yunaayitid Isteets wajjin qabduu akka haaromsituu carraa kan umeedhaa akka ta’e kan ibsan ambaasadera Meles Alem, mariiwwan taasifamaan walitti dhufeenyaa fi waliin hojjannoo Yunaayitid Isteets fi dhaabbilee idilee addunyaa giddu jiruu jabeesuudhaaf akka ta’e himuu isaanii kan ibsee gabaasinni Kenedii Abaate, marii baankii adduunyaa waliin taasifameen, gargaarsii tajaajila fayyaa fi proojetti Itisaa lolaa roobaatiif oolu walgalteen doolaara miiliyoonii 700 fi miiliyoonii 45 ta’u mallatefamuu isaa ibseera.
Prezidaantii Baayideen walgaa’ii hoggantootaa Afrikaa wajjin taasisaa turan gidduutti tapaha kubbaa miilaa gareen Afrikaa bakka bu’e Moorookoo fi Faraansaay daawwachaa akka turan beekameeraa.
Prezidaant Baayidenii wajjin hoggantootaa taphichaa daawwachaa turan keessaa muumichii ministiraa Moorookoo Aziiz Akhanuuch fi muummichii ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahimed, prezidaantin Naajeeriyaa Mahaamaduu Buhaarii, Prezidaantin Laaybeeriyaa Joorj Wihaa, fi prezidaantiin Maalaawii Laazaarus Chaakweeraa akka turan gabasameera.