Chaayinaan Daldala Dilaala Irraa Bilisa Ta’e Jalqabuuf Jettuuf Itiyoophiyaan Fayyadamuuf Qopha’aa Jiraachuun Gabaasame

  • VOA

Chaayinaan daldala dilaala irraa bilisa jalqabuufi

Itiyoophiyaan faayidaa daldalaa dilaala irraa bilisa ta’e Chaayinaan ji’a darbe beeksiste fayyadamuuf qophaa’aa jirti jetti. Dubbi himaan Ministeera Daldalaa fi walitti makama Naannoo obbo Quumneger Iwnetuu VOAf akka himanitti, amma meeshaalee alatti ergamu dilaala irraa bilisa ta’e Chaayinaa argachuuf ulaagaa guutan adda baasuuf adeemsa irra jirra.

Carraan dilaala irraa bilisa ta’e kun Sadaasa 9 abbaan taayitaa taarifa gumurukaa Chaayinaatiin kan ifa ta’e yoo ta’u, meeshaalee qonnaa, keemikaalaa fi oomishaalee keemikaalaa dabalatee, meeshaalee gosa gara 8,800 kan hammatuu dha. Akka beeksisa kanaatti, Muddee 1 irraa eegalee Chaayinaan meeshaalee dilaalli itti kaffalamu keessaa dhibba irraa harka 98 kan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota guddina xiqqaa qaban 10 irraa dilaala ni kaafti.