Gabaasaalee: Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrikaa

Your browser doesn’t support HTML5

Oolmaa Guyyaa 3ffaa Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrikaa

Fooremiin Gumaacha Dayaaspooran Afrikaa Ameerikaa Keessatti Qabu Irratti Xiyyeeffate Geggeeffame

Fooramiin Hoggantoota Dargaggootaa Afrikaa fi Dayaaspooraa, ‘African and Diaspora Young Leaders Forum’ jedhamu Kibxata harra Waashignitan Diisii keessatti geggeeffame. Dargaggoonni hoggantummaadhan milkaahan fi fakeenya ta’an jedhaman marii geggeeffame irratti hirmaataniiru.

SEE ALSO: Fooremiin Gumaacha Dayaaspooran Afrikaa Ameerikaa Keessatti Qabu Irratti Xiyyeeffate Geggeeffame

Gummii Hooggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrikaa harraa guyyaa lammaffaaf geggeeffamaa oole Diinagdee Ameerikaa fi Afrikaa irratti daldalaa fi invastimantii gam- lamaa guddisuu irratti xiyyeeffate. Hojii gaggeessitoonni olaanoo fi hoggansi damee dhuunfaa dhaabbilee Ameerikaa fi Afrikaa 300 ol irraa Hoggantoota jilaa wajjiin walgahuudhann invastimantii dameewwan murteessoo ta’an kan akka fayyaa, bu’uuraalee misoomaa, anniisaa, daldala qonnaa, fi dijitaalaa irratti mari’ataniiru.

Waltajjii “Fulleeffannaa Jijjiiruu: Egeree Hariiroo Daldalaa fi Invastimantii Yunaaytid Isteetsii fi Afrikaa, mata duree jedhu jalatti geggeeffame kana irratti Bakka Bu’aan Ministira Daldalaa Yunaaytid Istees fi Afrikaa irraa hoggantoonni Morokoo fi Keeniyaa haasaha dhageechisaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Oolmaa Gumii Hooggantoota Yunaaytid Isteesi fi Afrikaa Guyyaa 2ffaa