Preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad loltoonni Somaaliyaa Eertiraa keessatti leenji’an torban muraasa keessatti gara biyyaatti akka deebi’an beeksisaniiru.
Mohamud akka jedhanitti, loltoonni kun gareewwan jalqabaa ji’a kana keessa gara biyyaatti galuu akka jalqaban himaniiru. Baatii Amajjii waggaa dhuftuu guutummaan biyyatti kan deebi’an ta’uu illee beeksisaniiru.
Dargaggoonni Eertiraa yeroo dhiyootti ni deebi’u” jechuun torban darbe wal ga’ii uummataa Magaalaa Minneapolis keessatti miseensonni hawaasa Somaalee irratti hirmaatan irratti haasaa dhageessianiin dubbataniiru. Viidiyoon sagantichaa wiixata kaleessaa maxxanfame.
Xumura baatii Muddee kanaa dura deebi’uu ni jalqabu, hanga baatii Amajjiiti hojiin isaa ni xumurama jedhan.. Qophii ta’eera waan ta’eef yeroon isaa boodatti harkifata jennee hin yaadnu jedhaniiru.
kana harkifannaa hin eegan.”
Mohamud bara kana Caamsaa 15 kan filataman adeemsa filannoo yeroo dheeraa fi falmisiisaa hoggantoota siyaasaa Somaaliyaa gidduutti taasifameen booda. Kan isaan dura turan Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo akka jedhanitti, haala siyaasaa biyyattii ho'aa ta'een deebi'uun loltoota 5000 boodatti harkifate.
VOA tajaajilli Afaan Somaalee maddeen hedduu irraa akka odeeffatetti, loltoonni somaaliyaa kanneen Eertraa keessatti leenjifaman 5,167 ta’u.
Mootummoonni Somaaliyaa, itti aanan dhuma bara 2024tti waraana ga’umsa qabu ijaaruuf hojjechaa turaniiru.
Mohaammad gahee humnoonni Gamtaa Afrikaa Amajjii bara 2007 irraa eegalee biyyattii keessa turan qabaachaa galateeffataniiru.
''Obboloota yeroo rakkisaa keessa Somaaliyaa deeggaruuf dhufanii dha,'' jedhan.