Prezidaant Traamp Himatii Yakkaa Akka Irratti Dhiyaatu Murteeffame

  • VOA

Viidiyoo Pirezdaanti Yunaaytid Isteets Duraanii Doonaald Traamp agarsiisu Koreen haleellaa Amajjii 6 bara 2021 qoratuu biratti, Muddee 19, 2022

Seenaa Yunaaytid Isteetis keessatti yeroo jalqabaatiif Kongireesiin biyyatti pirezidaantii Ameerikaa duraanii Donaald Traamp irratti xalayaa qorannaa yakkaa minsteera haqaatti ergee jira.

Kunis Koreen haleellaa Amajjii 6 bara 2021 mana maree Yunaaytid Isteetis irratti raawwatame qoratu, finciila kana gargaaruu dabalatee himannaa yakkaa afur Donald Trump irratti akka dhiyeessu Ministeerri Haqaa gaafateera. Gabaasa Kaatriin Giipsan ergite Jaallannee tu dhiyeessa.