Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa "Humnoonni Mootummaa Seeran Ala Mana Kiyya Cabsanii Seenan," Jedhan

Abbaa Gadaa Goobala Hoolaa Irreessoo (Suuraa faayilii)

Barreessaan Gamtaa abbootii Gadaa Oromiyaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Irreessoo kaleessa halkan humnoonni nageenya motummaa mana kiyya seeran ala cabsanii ilma kiyya mana isaatii fuudhanii bakka buuteen isaa hin beekamne jechuun himan.

Abbaan Gadaa kun Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti mana jireenya isaanii godina shawaa bahaa magaalaa Maqiitti kan argamu keessaa qabeenyi maallaqaa dabalatee meeshaaleen faaya adda addaa qarshii 200,000 olitti tilmaamamuu fi meeshaan hambaa durii fi meeshaaleen waraanaa kan mootummaa fi heyyama qabu fudhatameera jechuun ibsan.

Rakkoo Abbaan Gadaa himatan kana godinni shawaa bahaa quba hin qabu fuuldurattin qoradha jechuun sagalee Ameerikaaf ibseera.

Dhimma kana irraatti Koomishiini poolisii oromiyaa fi Biiroo bulchiinsa fi naageenyaa oromiyaa irraa deebii hin arganee.

Your browser doesn’t support HTML5

Barreessaan Gamtaa abbootii Gadaa Oromiyaa "Humnoonni Mootummaa Seeran Ala Mana Kiyya Cabsanii Seenan," Jedhan