Riphxee Looltonni  Kongoo Keessatti Namoota Nagaa Butan

  • VOA

Riphxee looltonni M - 23 jedhaman Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bahaa keessatti tattaaffii nagaa buusuu dhiheenya kana godhamus, wal waraansa uumamee keessatti, kanneen milishoota diinaa waliin tumsa jechuun shakkan namoota nagaa booji’aa akka jiran maddeen biyya keessaa Wiixata kaleessaa dhaabbata oduu Ajaans Fraans Prees AFPtti himaniiru.

Gareen kun naannoo raafama keessa jiran hedduu keessaa tokko yoo ta’u ji’oota darban keessa naannoo waraanaa fi milishoota bulchiinsa Kiivuu kaabaa irraa fudhatee gara magaalaa guddoo isaa Gomaatti tarkaanfatee jira.

Gareen M23 jalqaba namoota 50 kan qabatee yoo ta’u keessaa yeroo ammaa yoo xiqqaate 18 isa harka akka jiranii fi gara maadhee ofitti geessuu isaa dubbata.