Kaameeruun Namoota Rakkatan Gargaaraa Jirti

  • VOA

FAAYILII- Ijoollee bufata yeroo kanneen qeheerraa buqahaniif qophaahe keessa jiraatan, Kameerun, Ebla 28, 2022.

Kaameeruun guyyaa ayyaaneeffannaa dhalachuu gooftaa Yesuustti aansee guyyaa jiruun, akkaa aadaatti fudhatamee namoota harka qalleeyyiif kennamaa kan ture yoo ta’u, barana immo ijoollee biyya keessaatti manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’aniif guutuummaa biyyatti keessatti, kennaa kennuun kabajaa jirti.

Mootummaan Kaameeruun, waldoonni Kristaanaa fi gareewwan gargaarsaa waliin ta’uun, daa’imman kuma kurna hedduutti lakkaa’aman kanneen walitti bu’iinsa adda baatoota biyyattiitiin manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’aniif nyaata, kitaabaa fi kaffaltii mana barumsaa kennuuf hojjechaa jiru.

Daa’imman 300 ol Wiixata kaleessaa galma hawaasaa Bandjoun kan magaalaa galma mootummaa Yaoundé keessatti walitti qabamanii kennaa isaanii fudhatanii jiran.