Miseensonni Paarlaamaa Araara Naannoo Oromiyaaf Mootummaa Gaafachuu Itti Fufan

Your browser doesn’t support HTML5

Miseensonni Paarlaamaa Araara Naannoo Oromiyaaf Mootummaa Gaafachuu Itti Fufan

Miseensonni Paarlaamaa Naannoo Oromiyaarraa ta’an kan ji’a Sadaasaa darbee kaasuun mootummaan rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa karaa araaraa akka furu gaafataa jiran kaleessa maree dabalataa angawoota mootummaa federaalaa fi kan naannoo waliin gaggeessuu himan.

Kabajamoo Obbo Tolaa Hayluu miseensi paarlaamaa wal gayii kaleessa taa’ame kanarra turan, pirezdentii naannoo Oromiyaa Obbo Shiimellis Abdiisaa dabalatee angawootni mootummaa Federaalaallee argamuu eeranii, fala rakkoo naannicaha mudaterratti maree ballaan taasifameeras jedhan.

Gama biraan warreen rakkoo nageenyaa Godinaalee Wallagga Bahaa fi hoorro Guduruu buqqa’an ammas gargaarsi dabalataa akka isaan barbaachisu qindeessitoonni gargaarsa himanii jiran, Galmoo Daawit dabalata qaba.