Misaa’eloonni Raashaa Magaalota Yuukreen Haleelan

  • VOA

Mana haleellaa misaa'elaatin barbadaahe, Kiyeevi, Yuukreen, Mudde 29, 2022

Raashaan Kamisaa har’aa magaalotaa Yuukreen Kiyeevi fi kihaarkiiv irraatti haleellaa misaa’elaa raawwachuun ishee gabaasameera. Waraanni Yuukreen gama isaatiin misaa’elootaa Raashan furguggeesite 69 keessaa 54 qolachuu isaa ibsee jira.

Yemmuu waggaan haaraan dhihaachaa jiruu kanatti magaalotaa yuukreen nageenyaa qaban irratti haleellaa misaa’elaa raawwachuun gochaa garajabeenyaa akka ta’a kan ibsan ministirri dhimmaa alaa Yuukreen Dimitrii Kuleebaa , yakkaa waraanaa akkanaa irraatii “ nan ilaallatuu” jedhanii ilaaluun barbaachisaa akka hin taanee dubbachuun isaanii beekameeraa. Kuleebaan itti dabaluudhaanis “ nu hin galchuu” jedhanii callisuun Raashaa degeruu irraa waan adda ta’ee mitii jedahnii jiru.

Kbulchaan magaalaa kahiirkiiv Ihoor Terekihoov dhukaasii fi dhodhoohinsii dhagahamuu isaa ibsanii misaa’elichii maalfaa akka haleele fi midhaa inni geesisee qorachaa akka jiran himanii jiru.

Raashaan kutaawwan Yuukreen umnaan qabatte karaa bahaatiin Lihaaniskii fi Dooneesk, karaa kibbaatiin Keehersonii fi Zaaporiiziziya gadi lakkiftee waraanaa ishee boodaatti yoo deebiftee waldhabiinsicha karaa nagaatiin hiikuudhaaf fedhii akka qabanifii karooraa nageenyaa qabxiiwwan 10 of keessaa qabu dhiheesuu isaanii Prezidaantiin Yuukreen Volodimiir Zeleniskii ibsanus mootummaan Raashaa yaadaa isanii akka hin fudahnne beekameera.