Hikkamuu isaa haaga as gahee agarrutti waanni amannu hin jiru: Obboleessa Obboo Tashitaa

FAAYILII - Abbaa qabeenyaa dhabbata geejibaa “Metropolitan Transportation Network’, Obboo Tashitaa Tufa, Firdilii, Minisootaa, Hagayya 9, 2017.

Abbaan qabeenyaa dhabbata geejibaa “Metropolitan Transportation Network’ fi haawaasa oromoo Minnisootaa keessatti hojii hawaasummaa adda addaan beekkaman Obboo Tashitaa Tufaa, Itoophiyaa dhaa gara Yunaaytid Isteets deebi’uf yeroo jiran, Jimaata darbe, Muddee 30, 2022, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee, Finfinnee keessaatti erga qabamanii booda Dilbata kaleessa gadhiifamuu isaanii obboleessi isaanii Obboo Tibbeessoo Tufaa Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Obboo Tibbessoon, “haga Tahsitaan as deebi’ee dachee Ameerikaa ijjatutti dhugumaan gadhiifameera jechuu hin dandeenyu,” jechuudhan yaaddoo ammalee qaban ibsanii.

Your browser doesn’t support HTML5

Hikkamuu isaa haaga as gahee agarrutti waanni amannu hin jiru: Obboleessa Tashitaa Tufaa

Dhimma qabamuu Oboo Tashitaa laalchise mootummaa Itoophiyaa, akkasumas Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamurraa ibsa argachuuf yaaliin goone harraaf hin milkoofine.

Gaafii fi deebii Obboo Tashitaan bara 2017 Sagalee Ameerikaa wajjin geggeessan:

Your browser doesn’t support HTML5

‘Namni Yoo Hojjachuu Barbaade Waan Dadhabu Hin Qabu’ Obboo Tashitaa Tufaa, Dureessa Oromoo Ameerikaa Keessatti Miliyeenarii Ta’e