Tigraay Keessatti Gargaarsa Waliin Ga’uuf Hojjataa Jirra: OCHA

  • VOA

FAAYILII - Konkolaatawwan qarqaarsa fe'anii gara Tigraay deeman.

Waliigaltee nagaa mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT giddutti tolfamee hordofuun, geejjibni gargaarsaa deddeebisuu deebi’ee eegaluu fi Tigraay keessatti karaa haaraa gargaarsaa gargaarsii itti dhaqqabu babal’isuuf qindeessaa kan jiru ta’u dhaabnii gargaarsaa kan Tokkummaa Mootummootaa ykn OCHAAn ibsee jira.

Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti danqaawwan gurguddoon jiraata iyyu, namoonni miliyoona 12 ol ta’an gargaarsa bifa tokko qabu akka argatan hubachiiseera.

Gama biraatiin ammoo mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa, “michoonni addunyaa naanoo sana keessatti hojiiwwan gargaarsa namoomaa kana caalaa hojjechuu fi guddisuu qabu” jechuun akeekee jira.

Naannoon Gaanfa Afrikaa waggoota 40 keessatti caama hamaa ta’e dandamachaa kan ture ta’us, beela ittisuun danda’ameera Jedha OCHAAn.

Dhaabatii kun akka jedhutti, "hawaasni gargaarsaa hanga dhuma bara darbeetti yoo xiqqaate namoota caamaan Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaa keessatti miidhaman miiliyoona 17.5 dhaqqabuu danda’eera jechuun OCHAAn bgabaasee jira.