Ministeerri Fayyaa Dhaabbilee Fayyaa Manca'an Deebisee Ijaaraa Jiraachuu Ibse

FAAYILII - Hoospitaala Humaraa keessatti buufata qorichaa barbadaahe, Naannoo Tigraay, Sadaasa 15, 2020.

Dhaabbilee fayyaa Itoophiyaa keessatti sababaa rakkoo nageenyaa manca'anii turan deebisee ijaaraa akka jiru Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministirri Fayyaa Doktor Liyaa Taaddasa, har'a ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, Naannolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, fi Benishaangul Gumuz keessatti dhaabbilee fayyaa manca'an hojiin deebisanii ijaaruu itti fufeera jedhaniiru.

Waliigaltee nagaa dhihootti taasisamee as naannoo Tigraayitti dhaabbileen fayyaa 36 hojiitti seenaniiru jechuunis itti dabaluun ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Ministeerri Fayyaa Dhaabbilee Fayyaa Manca'an Deebisee Ijaaraa Jiraachuu Ibse