Muudama Phaaphaasota Haarawa Mana Amantaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaa

Ayyaana Cuuphaa, Baatuu, naannoo Oromiyaa, Amajjii 19, 2023

Mana Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaatti Angafti Phaaphaasotaa, Phaaphaasota haarawa 26 muuduun isaanii dhagaahamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Muudama Phaaphaasota Haarawa Mana Amantaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaa

Angafti Phaaphaasotaa kunneen muudama kana Phaaphaasota kanaaf kennuu dilbata kaleessaa kan ifoomse yoo tahu, Paatriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa muudami kun fudhatama hin qabu jechaan mormuun wal gahii ariifachiisaa yaamanii jiran.

Barsiisaa Diyaaqoon Daani’eel Caalaa miseensa koree qideessituu muudamsa haarawa muudee VOA’f muudamsi kaleessa raawwatame jedhame seera waldattii sirnaan kan hordofe; gaaffi yeroo dheeraaf gaafatamaa ture duubatti hambifameef deebii kennuuf kan taasifame dha jechaan dubbataniiran.