Al Shabaab Waajjira Kantiibaa Moqaadishoo Keessatti Haleelaa Geesisuun Himame

  • VOA

Ambulaansii waajjira kantiibaa magaala Moqaadishoo fundura dhaabbatee jiru, Amajjii 22, 2023, Moqaadishoo, Somaaliyaa

Dilbata kaleessaa haleellaa hidhattoonni Al-Shabaab waajjira kantiibaa giddugala Moqaadishootti raawwataniin yoo xiqqaate namoonni jaha ajjeefamuu poolisiin beeksiseera.

Namni of wareegaan tokko dhohinsa guddaa gamoo naannoo waajjiraatti dhaqqabsiisee booda dhukaasni jalqabamee jechuun dubbi himaan poolisii Somaaliyaa Saadik Dudishe xumura marfama sa’aatii afuriif godhame booda dubbataniiru.

Dudisheen gaazexeessitootaaf akka himanitti, "Namoota haleellaa kana raawwatan ja'an hundi du'aniiru. Isaan keessaa shan walitti dhukaasa ta’een kan ajjeefaman irratti yoo ta'u isaan keessaa tokko ofumaan dhoose of ajjeese," jechuun ibsaniiru. "Haleellaa kanaan namoonni nagaa jahas du'aniiru, haalli jirus gara idileetti deebi'eera."

Hojjettoonni waajjira kantiibaa hundi baraaramuu isaanii poolisiin dabalee ibseera.