Gaazexxessaan Kaameeruun Reeffi Isaa Argamee Jira

  • VOA

Yaadannoo gaazexeessaa raadiyoo Kaameeruun Maartineez Zogoo Kameroonif qindeeffame,Yawondee, Kaamerun, Amaajii 23, 2023.

Gaazexeessaan raadiyoo Kaameeruun beekamaan kan gareen mirga miidiyaa butamuu jedhee waamu hordofee, achi buuteen isaa dhabamee ture booda du'ee argame jechuun hojjechiisaan isaa fi poolisiin Dilbata kaleessaa ibsanii jiru.

Maartineez Zogoo daayreektarri olaanaa buufata raadiyoo dhuunfaa Yaounde keessatti argamu Amplitude FM fi qopheessaa urjii sagantaa guyyaa guyyaa beekamaa ture .

Gaazexxeessaan ganna 51 kun yeroo hunda dhimmoota malaammaltummaa kan ilaalu yoo ta'u, namoota barbaachisoo maqaa isaaniitiin gaaffii keessa galchuu irraa duubatti hin jenne. Kibxata darbee irraa eegalee achi buuteen isaa dhabamee ture.

Gulaalaa olaanaa raadiyoo kanaa Charly Tchouemoutti dhaabta oduu AFP akka ibsanti,

"Har'a ganama barii gara Ebogo (Yaounde irraa gara kaabaatti kiiloo meetira 15) dhaqeen reeffa Martinez Zogo argeen jira

Itti aanaan abbaa alangaa achitti kan argaman yoo ta’u haati warraa isaas reeffa isaa adda baasuuf achi turtejedhan.

Maddi poolisii maqaan isaa akka hin dhahamne gaafatan dhaabta oduu AFPf Gaazexessichi du’uu mirkaneessee jira.