Dhimmoota Preizidaantiin Oromiyaa Godinaalee Wallagga Keessatti Mauraalee Hawaasaa Waliin Mari'atan Ilaalchisee Ibsi Kenname 

FAAYILII - Itti-gaafatamaan Biroo Komiyunikeshinii mootummaa naannichaa, Obbo Hayiluu Addunyaa

Biiroon dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa haala yeroo irratti har'a ibsa kenneera. Hoogganaan biioo sanaa obboo Hayiluu Addunyaa marii tibbana pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa godinaalee wallagaa Bahaa, Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti murnoota hawaasaa adda addaa waliin taasisan irratti ibsa kana kennan.

Obbo Hayiluun ibsa isaanii keessatti “Shanee fi finxaaleyyiin Amaaraa Wallagaa Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti miidhaa guddaa hawaasa irraan gahan” jedhan.

Nageenyi waarawaan akka naannoo kana keessatti bu'uuf, hidhatoonni shanee ittin jedhan karaa nagaa harka kennachuu qabu, jechuudhaan, kanneen didan irratt immoo tarkaanfii fudhachuun itti fufa jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhimmoota Preizidaantiin Oromiyaa Godinaalee Wallagga Keessatti Mauraalee Hawaasaa Waliin Mari'atan Ilaalchisee Ibsi Kenname