Jimma Hojii Oguma Harkaaaatiin Dur Irraa Qabdee Beekamtu Keessatti Amma Ogumichi Dagatamaa Dhufe, Jedhame 

Your browser doesn’t support HTML5

Jimma Hojii Oguma Harkaaaatiin Dur Irraa Qabdee Beekamtu Keessatti Amma Ogumichi Dagatamaa Dhufe, Jedhame

Oguma harkaa gara garaatiin kan beekamtu Jimma seenaa Itiyoophiyaa keessatti faayawwan manaa fi uffata aadaa waggoota baay’eef akka gumaachite seenaan waa’ee Jimmaa bara 1880 keessa barreeffame ni ibsa.

Daawwachiisaa fi Ogeessa Hamba sassabuu Dargaggoo Najiib Raayyaa Jimma keessatti ogumni harkaa ka guddisamuu jalqabe bara Abbaa Jifaar Lammataa ta’uu ibsan.

Huseen Galataa hojii ogummaa muka bobbocuu ganna afurtamaa ol kan hojjete Jimma Keessatti amma hojiin harkaa dagatamaa waan dhufeef xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba, jedhu.