Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad Sudaanti Imalanii Turan

  • VOA

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimad Sudaan Daawwatan

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Kamisa kaleessaa hooggantoota Sudaan garagaraa waliin Kaartuum keessatti mari’achuun mallattoo hariiroo biyyoota ollaa Afrikaa deebi’ee jabaachuu akka ta’e qondaaltonni himanii jiran.

Dr. Abiyyi daawwannaa isaanii kanaan hoggantoota gareelee siyaasaa Sudaan adda addaa waliin kan wal argan yoo ta’u, isaan keessaa hedduun marii nagaa falmiisisaa, kan bulchiinsa waraanaa waggaa tokkoo ol ture xumuruuf barbaadamu irratti hirmaataa jiru.

Yeroo kanattis Dr Abiyyi, qaamoleen Sudaan kanneen dhimmicha keessa harka qaban martii, ummata isaaniif dursa kennuu akka qaban ibsuun, ''rakkina keessaniif furmaata mataa keessanii barbaadaa jechuun jajjabeessan.

Ergaa Tiwiitara ofii irratti maxxansaniin, Itiyoophiyaan dhimmi biyya biraa keessa hin seenne ta'uu ibsan. Waggoota hedduuf Sudaan fi Itiyoophiyaan waldhabdee daangaa fi ijaarsa hidha laga Abbayyaa isaatiin Masrii waliin waldhabdee uumeera.

Akka Dhaabatii oduu sudaan, Suna jedhutti, hidha laga Abbayyaa fi dhimmi daangaa irrattis walga’ii Dr Abiyyii Ahmad fi Burhaan gidduutti taasifamee irratti mari’atameera.