Kaampaanii Xayyaaraa Booyiin An Balleessaa Hin Qabu Jedhe

  • VOA

Faayilii ; Mallattoon Booyingiif ta'u paaviiliyoonii daldalaa irratti mul'ata, Adoolessa 19, 2022

Kaampaaniin xiyyaaraa oomishuu fi Yunaaytid Isteetis keessa jiru Booyiing, waa’ee xiyyaarota isaa 737 Max kan yeroo lama balaan mudatee irratti, qaamolee seera baasan dogoggorseera jechuun himannaa irratti dhiyaateef, Kamisa kaleessaa yakka hin qabu jedhee jira.

Booyiing hanqina dizaayinii kan balaa xayyaarichaa bara 2018 fi 2019 dhaqqabeef sababa ta'e dhoksuun himatame.

Qaama dhimma nageenyaa xayyaara Booyiing sanaa qoratu fi hordoffii addaa gaggeessu muuduu fi dhiisuu kan ilaaleen Abbaan murtii, murteessuuf jiru.

Maatiin imaltoota balaa yeroo lama dhaqqabeen namnii jalaa du'ee kanaan dura waliigalteen Booyiing fi Ministeera Haqaa gidduutti ture akka gatii dhabu gaafatan.

Sababaan isaas, Booyiingii fi dhaabata mootummaa Fedeeraalaa giddutti, waliigaltee iccitiin tolfamee kan Booyiing akka hin himatamneef murteesse sana ilaalchisee waan nutti himamee hin jiru kan jedhu ture.