Gandoota Ripaablikii Demookraatawaa Kongoo bahaa keessatti, garee finciltoota ADF kanneen garee Islaamummaa waliin hidhata qabaniin haleellaa Dilbata kaleessaa gaggeeffame, yoo xiqqaate namoota 15 ajjeesuu qondaaltonni biyya keessaa ibsanii jiru.
Haleellaa walfakkaataa dhiyeenya kana namoota 20 ol galaafatee sana torban tokko booda inni ammaa kun gaggeffame.
Dilbata kaleessaa ganama sa'aatii 4 hanga sa'aatii 5 gidduutti yeroo tokkotti gandoota sadii irratti haleellaan raawwatameera," jedhan qondaalli naannoo sanaa Dieudone Malangai.
"Ganda Manyala keessatti reeffa nama torba kan arganne yoo ta’u Ofay keessatti immo dubartoota torba dabalatee namoota saddeet du'aniiru," jechuun Malangai dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif ibsan.
Lakkoofsi namoota du’anii inni dhumaa kana caalu ta'uu akka danda'u hubachiisan.
Maddi gargaarsa namoomaa Manyala keessatti lubbuun namoota torba, Ofay keessatti ammoo "yoo xiqqaate namoota saddeet" du'uu mirkaneesse.
Loltoonni ADF sakatta’iinsa torban darbe bulchiinsa ollaa Kiivuu kaabaa keessatti gaggeeffameen, yoo xiqqaate lubbuu namoota 23 kan galaafate yoo ta’u, bulchiinsa walfakkaataa kana keessatti immoo yoo xiqqaate namoonni biroo 14 dho’iinsa boombii waldaa warra Peenxee Qosxee keessatti raawwatameen ajjeefamaniiru.