Kitaabni Haaraan Seenaa Atileetota Oromoo 50 of Keessaa Qabu Maxxansamee Bahe  

Your browser doesn’t support HTML5

Kitaabni Haaraan Seenaa Atileetota Oromoo 50 of Keessaa Qabu Maxxansamee Bahe 

Kitaabni “Miila Qullaa” jedhu kan seenaa atileetota Oromiyaa irratti barreessame dhiheenya maxxansamee dubbistoota bira gahee jira.

Kitaaba kana kan barreesse atileet Tafarii Didhaa kitaaba kana seenaa jireenya atileetota Oromiyaa keessaa ka bara 1948 hanga bara 2014tti jiranitti xiyyeeffachuun barreessu isaa Sagalee Ameerikaaf ibse.

Akka Atileet Tafariin jedhutti kitaaba “Miila Qullaa” jedhamu kana keessatti seenaan atileetota 51 barreeffameera.