Prezidaant Baayiden Haasaa Waggaa Taasisuuf Jiru

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Haasaan Prezidaant Baayideen Mana Maree Bakka Bu’ootaa fi Seneeti irratti taasisuuf jiran guutummaa biyyatti kalatiin kan darbu fi karooraa isaan dursa kennanuuf dhiheesuuf carraa isaan dandeesisu ka umuu akka ta'e ibsameera.

Haasaa prezidaantichii Qibxataa har’aa galgala taasisan kana dursuudhaan itti gaafatamtuun dhimma preesii masaaraa Waayiiti Haawus Kaariin Jiin Pi’eerii ibsa kennanii jiru.

“Tarkaanfii diinagdee faayida-qabeessa hooggana isaa jalatti argaa jirru, mul’ata isaa ka diinagdee keenya sadarkaa gadii irraa jalqabee hanga galii jireenyaa giddu-galeessaatti ol ijaaru,” jedhan, Pi’eeriin.