Murtiin Walitti Dhufeenya Sinoodoosii Biyyaalessaattii Addad Ba’uu Keessa Deebi’ee Kan Ilaalamu Miti: Hoogganoota Waldaa Orotodoksii Tigraay

  • VOA

FAAYILII - Hordoftoota amantaa ortoodoksii bataskaana Hamdeyaat keessatti kadhannaa godha, Dudaan, Bitootessa 16, 2021

Murtiin isaan walitti dhufeenya siinoodoosii quqlqullii Finfinnee keessaa waliin jiru addaan kutuuf murteessan, kan mariif dhiyaatu miti jechuu dhaan hoogganoonni waldaa Orotodoksii naannoo Tigraay beeksisaniiru.

Kaleessa Maqalee keessatti tuuta oduuf ibsa kan kennan abboonni amantii kun, sinoodoosii waldaa Orotodoksii waliin hariiroo jiru diiguuf murtii waggaa tokko dura murteessanitti cichuun falmaniiru.

Yeroo waggaa tokko ta’uuf dhimma kana ilaalchisee sinoodoosii waldaa Orotodoksii Itiyoophiyaa biraa deebiin kenname tokko iyyuu hin jiru.

Sinodoosiin Qulqulluun, torban darbe ibsa muummicha ministeeraa Abiy Ahimediif deebii ennaa kennu, abboonni amantii naannoo Tigraayitti argamanii fi hodoftoonni amantii kiristaanaa martinuu sinoodee seeraan alaa kan seera fi qajeelfama waldattii cabsu hin hundeessine jedhan.

Abboonni amantii Tigraay keessaa kana kan beeksisan kun kan dhaga’ame hordoftoonni amantii ortodoksii kutaalee biyyattii garaa garaa keessa jiran Paappaasiin Oromiyaa kan biyyoolessaattii adda ba’uu isaanii fi mootummaan dhimma waldaa kirstaanaa keessa seene jechuun erga mormii dhiyeessuu jalqabanii booda. Ordoftoonni amantii Orotodoksii Tigraay keessaa mormii geggeessamaa jiru irratti hirmaataa hin jiran jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa gabaasee jira.