Komishiiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Tarkaanfii Poolisii Balaaleffatee Jira

  • VOA

Ethiopian Human Rights Commission

Komishiinichii ibsa baaseen,bulchiinsa naannoo kiba Itiyoophiyaa magaalaa Walqixxee keessatti namoottan hanqina bishaaniitin walqabatee Roobii dheengaddaa morimiidhaaf bahan irraatti poolisiin tarkaanfii madaalaawaa hin taane fudhachuu isaa ibsuudhaan, tarkaanfii poolisootaa kanaanis namoottan Sadii ajjefamuu isaanii ibsee jira.

Komishineeriin Poolisii naannoo kibbaa Alamaayyoo Maammoo, “Namoottan caraa kannatii fayyadamanii ajandaa gaaffii naanummaa dhiheesan “ hokkora kaasuu isaanii ibsuudhaan balaallefachuu isaanii Yoonaatan Zebdiyoos gabaaseera.

Dhimma hanqina bishaaniitin kan ka’ee jiraattonni mormii dhiiheesaan kumaataman lakkawwaman magaalaa walqixxee keessatti Roobii darbee hiriira taasisuun isaani gabsamuun isa ni yaatama.