Godinaalee Booranaa fi Gujii Keessatti Beelli Mudate Daranuu Hammaataa Jira  

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaalee Booranaa fi Gujii Keessatti Beelli Mudate Daranuu Hammaataa Jira 

Beela hanqina roobaa waqtilee shan booda dhufeen wal qabatee ammas godinaalee Oromiyaa Kibbaa keessa haalli jiru ulfaataa dhufee jira. Booranatti namootni kuma dhibba saddeetii ol, godinaalee Gujii lameenittis lammileen hedduun hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii akka jiran angawootni godinaalee kanaa VOA’f himanii jiran.

Obbo Liiban Dabbasoo itti gaafatamaan Waajjira Buusa Gonofaa Gujii, godinichatti rakkoon beelaa fi nageenyaa walitti namoota kuma dhibba shanii fi kuma torbaatamaa ol beelaaf saaxiluu dubbatan. Kanneen keessaa namootni kuma dhibba lamaa fi kuma jaatamaa ol gargaarsa barbaadaa waan jiraniif gargaarsi hatattamaa akka isaaniif taasifamu gaafatanii jiran. Ollaa Godina Gujii Lixaa aanaa Sorroo Bar guddaa keessas beelli mudate jiraattota miidhaa jiraachuu jiraattonni fi angawootni VOA’f dubbatanii jiran.