Iskiindiir Naggaa Hidhaa Ba’ee Jira: Baaldaraas

  • VOA

Iskiindir Naggaa guyyota lamaaf hidhaa ture gadhiifamuun ibsame (Suuraa faayilii)

Mormituu kan ta’e Iskiindir Naggaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti guyyaa lama erga hidhamee booda ba’uu isaa paartiin siyaasaa inni hundeesse Dilbata kaleessaa ibsee jira.

Mormituu siyaasaa kan warra Amaaraa fi hogganaa kan ta’e Iskiindiir, Jimaata galgala humnoota tikaatiin eega qabamee booda magaalaa guddoo bulchiinsa naannoo Sanaa kan taate Baahir Daar keessatti, mana hidhaa akka ture paartiin Baaldaraas ibsa baaseen beeksisee jira.

Iskiindir osoo hin hidhamiin dura maqaa isaan himannaa yakkaa dhiyaate kan hin qabne yoo ta’u, tarree namoota barbaadamanii keessas hin turre.

Kana malees mana murtiinis waamicha isaa dhiyaate hin jiru jedha dhaabni inni hundeessee fi hanga walakkeessa bara darbee hoogganaa ture Baaldaraas.

Dilbata galgala dhaabbatichi Iskiindir bilisa ta'uu, ibsa fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanseera.

Iskindiir mootummoota Itiyoophiyaa hedduu jalatti hidhamaa turuu ibsamee jira.