Itiyoophiyaa Gocha Hamaa Loola Tigraay Keessaatti ta’e Akka Hin Qoratamne Yaalaa Jirit: Dipplomaatoota

  • VOA

FAAYILII - Loltoota mootumma Itoophiyaa, Aguwaalaa, naannoo Tigraay, Caamsaa 8, 2021.

Itiyoophiyaan, hammeenyaa waraana Tigraay keessatti raawwatame ilaalchisee, Tokkummaa Mootummootaan qorannoo akka gaggeeffamuuf ajaja dhihaatee hambisuuf, deeggarsa barbaadaa jirti jechuun dippilomaatonni shan dubbatanii jiru.

Kunis tarkaanfii biyyoota Afrikaa fi biyyoota gama Dhihaa gargar qooduu danda’u jedhan.

Walitti bu’iinsa mootummaan Itiyoophiyaa waggoota lamaaf humnoota naannoo Tigraay waliin geggeessaa ture kanneen kumaatamaan lakkaa’aman du’uu fi miliyoonaan lakkaa’aman manaa fi qe’e irraa godaansisuun Sadaasa darbe xumuurame. Gamnii lachuu ajjeechaa, gudeeddii fi murtii malee hidhaa dabalatee gocha hammeenyaa bal’inaan galmaa’eef walii isaanii komatan.

Jeeneevaa keessatti kan maadheeffate Manni Maree Mirga Namoomaa kan Tokkummaaa Mootummoota, bara aangoo isaa ituu hin dhumiin qorannoo xumuree kan hin beekne ta’us, Itiyoophiyaan wixinee murtii qorannoon Tigraay akka dhaabbatu gaafatu gara ji’a 6 dursee naanneessaa jirti. Kunis kan qorannaan argamee maxxanfamuu fi falmii dhumaa mana maree keessatti taasifamu dhorkee jira.

Kana ilaalchisee, Dubbi himaan mootummaa Itiyoophiyaa Legesse Tuluu fi dubbi himtuun waajiira MM Abiy Ahimad Billene Seyoum yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef deebii hin laanne jechuun Rooytars gabaasee jira.

Itiyoophiyaan qorannoo kana jalqabarraa kaasee mormuun, kaka’uumsa siyaasaa kan qabuu fi maallaqa ugguruuf yaaluuf kan ta’e jechuun ishee ni yaadatama.

Yaadni Itoophiyaan dhiheessite hanga ammaatti mana maree mirgaanamoomaa miseensota 47 qabuuf sirnaan hin dhiyaanne yoo ta’u, Wiixata irraa eegalee hanga Ebla 4tti walga’uuf jira.

Dippilomaatota dhimmicha keessa beekan lama Finfinneen gocha kana akka dhabduuf tattaaffiin itti fuftee jirti jedhan.

Dippilomaatiin biyyoota dhihaa Jeeneevaa keessa jiran, kun waan gaarii hin taanee fi duraanis ta’e dha jedhan.