Lammiwwan Somaaliyaa Hongee Dheessuun Mooraa Baqattootaa  Keeniyaa Keessaa  Duraan Dhiisanii Galanitti Deebi’aa Jiru Jedhame  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Lammiiwwan Somaaliyaa hongee jalaa dheessuun gara Mooraa Dadhaaabitti yaa’aa jiran 6000 ga’uu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira. Mooraa durumaan namoonni akkaan keessatti heddummaatan kana ennaa dhaqqaban illee, haalli jireenya bakka sanaa rakkisaa waan ta’eef beela jalaa baqatan irraa boqonnaan argatan xiqqoo ta’uu dubbatu baqattoonni kun.

Baay’ina baqattoota mooraa sana irraan kan ka’e deggersi taasisamu illee murtaa’aa ta’uu isaa jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee jira. Gabaasa Rooyiters Tujuben akka armaan gadiitti dhiyeessiti