Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Waa’ee Murtii-Haqaa Cehumsaa Irratti Akka Uummatni Mari’atu Akeeka Kaa’ame Simachuu Ibse    

  • VOA

Asxaa Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa

Filannoowwan imaammata haqa ce’uumsaa irrati marii ummataa taasissudhaaf sochii jalqabamee simachuu isaa Komishiniin Mirga namoomaa Ityoophiyaa ibsee jira.

Madaawwan sarbiinsaa kanaan duraa fayyisuudhaan daandii gara nageenya waarii qabeessa ta’ee fi araaraatii ceesisu tolchuudhaaf, Hundee sababa sarbiinsaa mirgaa namoomaa sirnaan raawwatamaa jiru irratti xiyeeffachuun barbachisaa akka ta’e komishiinichii ibsaa baaseen hubachiseera.

Dhimma flannoowwan imaammata haqa ce’uumsaa irratti Sochiin marii ummataa taasisamu, walgaltee nageenyaa mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa fi ABUT giduutti Sadaasaa 2 bara 2022 taasifame keeyyata 10 lakoofsa 3 hojii irra ollchuudhaafs akka gargaaru ibsi Komishinii mirga namoomaa Ityoophiya kun eeruu isaa Kenedii Abaatee gabaaseera.