Arsii Lixaa Keessatti Walitti Bu’iinsi Uumame Lubbuu Namaa Galaafate

  • VOA

Madaala Shaashamannee, arsii Lixaa, nannoo Oromiyaa

Dangaa Oromiyaa fi Sidaamaa irratti kan argaman naannolee Guboheemaa fi Bocaasaa jedhaman keessatti walitti bu’iinsa uumameen namoonni 12 ajjeefamuu maatii miidhamtootaa ta’uu jiraattonni ibsan dubbataniiru.

Dhimma kana irratti angawoota naannoo biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofane. Gama biraan hojjetaan buufata fayyaa aanaa Cirrii namoota rasaasaan dha’amanii dhufan yaaluu isaa fi kan humnaa ol ta’e hospitaalatti erguu dubbata. Komiishiniin mirga namaa Itiyoophiyaa dameen hawaasaa odeffannoo qabaachuu isaa tuqee dhiyeenya gabaasa isaa ifa akka taasisu ibseera jechuu dhaan Yonatan Zebidiwoos gabaaseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Arsii Lixaa Keessatti Walitti Bu’iinsi Uumame Lubbuu Namaa Galaafate