Xiinxalaa Siyaasaa: Diibbaan Antonii Bilinken Itiyoophiyaa Keessatti Gochaa Jiran Haala Biyyattii Keessaa Fooyyessuuf Qooda Ni Qabaata 

  • Namoo Daandii

Your browser doesn’t support HTML5

Xiinxalaa Siyaasaa: Diibbaan Antonii Bilinken Itiyoophiyaa Keessatti Gochaa Jiran Haala Biyyattii Keessaa Fooyyessuuf Qooda Ni Qabaata

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken, wal-waraansa hamaa waggoota lamaaf Tigiraay keessatti geggeessamee fi namoota gara kuma 500 fixe sanaa booda waliigaltee nagaa mallatteessame daran jabeessuu fi gara nageenyaa waaraatti geessuuf carraaqqii taasisamuun kaleessa muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa dabalee aangawoota biyyattii ol’aanoo fi bakka-bu’oota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay wajjiin walga’anii jiran.

Kaleessa ennaa muummicha-ministaraa Abiyyi wajjiin walga’anitti haalli Oromiyaa keessaa akka isaan yaaddessuu fi wal-dhibdeen jiru karaa waliin-dubbii nagaatiin akka xumuramuu qabu eeranii jiran. Dhimmoota Mr. Bilinken itti xiyyeeffatanii fi waa’ee hojii irra oolfama isaa irratti, Sagaleen Ameerikaa hayyuu falaasama siyaaasaa Dr. Alamaayyoo Birruu dubbisee jira. Caqasaa.