Jiraattonnii fi Maanguddoonni Booranaa Magaalaan Negeellee Akka Magaalaa Booranaa Bahaa Taatutti Gurmeessamuu Ka Deggeran Tahuu Dubbatan

FAAYILII - Loon dhiibbaa haala gogiinsaatiin miidhaman, naannoo Somaalee aanaa Adadlee, Itoophiyaa

Jiraattonni magaalaa Negeellee booranaa Nageellee Booranaa magaalaa godina Boorana Bahaa ta'uun hundeeffamuu isaatti gammaduu isaanii ibsanii jiru. Mootummaan ADWUI bara 2010 dura aangoorra ture Nagellee Booranaa magaalaa godina Gujii akka taatuuf murteessuu jiraattonni kunneen Sagalee Ameerikaatti himanii, sababaa kanaan waggootaaf gaaffii dhiyeessaa akka turanillee dubbatu. Gama biraatiin ammoo abbootin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa godina Gujii magaalaa guddoo godina taatee tajaajilaa turte gara Boorana bahaatti deebisuun sirrii miti jechuun himataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Jiraattonnii fi Maanguddoonni Booranaa Magaalaan Negeellee Akka Magaalaa Booranaa Bahaa Taatutti Gurmeessamuu Ka Deggeran Tahuu Dubbatan

Mootummaan naannoo Oromiyaa ammoo gama isaan godinaalee haala bulchiinsaaf mijatuutti gurmeessuun ni danda'ama. Kun aangoo qamaa hoji-raawwachiiftuuti, jechuun deebii kenne.