Kaamlaa Hariis Prezidaantii Gaanaa Faarsan

  • VOA

Itti Aantuu Prezidaantin Yunaayitid Isteets Kaamlaa Hariis fi Prezidaanti Gaanaa Nana Akufo-Addo, Akraa, Gaanaa, Bitootessa 27, 2023.

Biyyootan sadii keessatti daawannaa taasisuudhaaf kan Afrikaa jiraan itti aantuu prezidaantin Yunaayitid Isteets Kaamlaa Hariis wixata kaleessaa yemuu prezidaanti Gaanaa Nana Akufo-Addo wajjin wal argan qajeeltoowwan dimokraasii biyya isaanii keessatti hojii irraa ollchaniif prezidaanticha faarsaniiru.

Masaraa mootummaa Gaanatti kan simataman Kaamilaa Haariis, haalaa nageenyyaa biyyatii gargaaruudhaa fi Inveestimentii dabaluu irratti waadaa kan seenaan yemuu ta’u gargaarsaa biyyoottan naannoo sanaatiif kan oluu deggersa doolaara Miiliyoonii 100 ifa taasisuun isaanii gabaasameera.

Akka Kaamlaa Haariis jedhanitti gargaarsichii kan oolu Beeniin, Gaanaa, Giinii, Koot Divuuwaarii fi Toogodhaaf.

Prezidaantin gaanaa Akufo- Addo biyyoottan akka gaanaa dinagdee isaanii fooyyesuudhaaf yaalaa jiran gargaarsii akka isaan barbaachisu kan ibsan yemuu ta’u, Gaanaan qabeenyaa Umamaa heduudhaan kan badhaatee ta’uu ishe ibsanii diinagdee ishee omishaa dheedhii biyyaa alaatti erguu irratti hundaa’ee irraa omishaa biyyaa keessatti hojjatamee dhume gara biyya allatti erguutti akka jijjiramu qabdu himaniiru.

Itti aantuu Prezidaantii Yunaayitid daawanaa isaanii itti fufuudhaan gaafaa Roobii gara Taanzaaniyaati Jimaata immoo gara Zaambiyaatti akka imalan beekameeraa